View in Telegram
#Tigraay "Gareen Dabratsiyooniin Durfamu Fonqoolcha Mootummaa Gaggeessaa Jira," Jedhu Geetaachoo Raddaa Bulchiinsi yeroo Tigraay kan Obbo Geetaachoo Radaatiin durfamu garee Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) kan Dr.Dabratsioon Gabramikaa’eliin durfamuu “fonqolcha mootummaa gaggeessaa jira” jechuun himateera. Garee Oboo Geetaachoon durfamu kun Ibsa Dilbata darbe baaseen “Adda Bilisummaa Uummata Tigraay baraaruuf mari’achuuf qophii dha malee aangoo qooddachuuf qophii mitii” jedheera. Gama kaaniin dhaabbileen waldaalee siivilii kan Tigraay torba kaleessa ibsa baasaniin, “walfalmiin hoggantoota ABUT gidduutti uumame hojiirra oolfamuu waliigaltee Piriitooriyaa irratti danqaa ta’a” jedhan. Obbo Geetaachoo Raddaa fi Dr Dabaratsiyoon Gabramikaa’el tibbana kan wal argan yoo ta’u kunis Phaaphaasonni amantii ortoodoksii kan Tigraay maanguddummaan eega gidduu seenanii booda. Angawoonni lamaan garaagarummaa isaanii karaa nagaa hiikuuf waadaa galuu isaanii gabaafamee jira. #VOA @Tikvahethafaanoromoo
Telegram Center
Telegram Center
Channel