#Komii Barattoota Yuunivarsiitii Jimmaa moora JIT irraa.
Barattoonii Yuunivarsiitii Jimmaa moora inistiitiyuutii Teknoolooji Sababa bishaan torban tokkoo oliif badee jiruuf Rakkoo cimaa keessa jirra jechuun midiyaa
@Abdii_Sabaa tti iyyatan.
Rakkoo bishaanii Kanaanis bishaan erga mooraadhaa badee guyyaa 10(kudhanii) ol ta'uu irraa kan ka'e barattonni qulqulinna isaanii waan eeggataniin dhabuu irra darbee, dhugaatiidhaaf qarshii isaaniitiin bitataa fayyadamaa jiraachuu isaanii komii midiyaa
@Abdii_Sabaa tti dhiheeffataniin ibsanii jiru.
Akka barattonni kun jedhanitti
"Ammaa Yoonaatti rakkoon kun furamuu dhabuu isaatiin waan ittiin qulqullina qaama keenyaa eeggannu dhabuu irra dabarree, nyaataaf gara kaaffee yaroo deemnuyyuu osoo hin dhiqatin nyaannee , osoo hin dhiqatinis bahaa jirra, kun ammoo fayyaa keenya irratti miidhaa waan fiduuf qaamni dhimmi ilaallatu furmaata hatattamaa nuuf kennuu qaba " jedhan.
Qaamni dhimmi ilaalu dhimma kana xiyyeeffannoo keessa galchuunis furmaata hatattamaa akka keennuuf barattonni kunneen cimsanii gaafataniiru.
πππππππππ
@Abdii_Sabaa_University
@Abdii_Sabaa_University
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA
@ABDII_SABAA π‘