View in Telegram
ABDII SABAA
Ministirri ittisaa Israa’el duraanii kun Israa’el yakka waraanaa fi duguuggii sanyiitiin himatan. Jeneraalli duraanii Yaalon kaabinee Ministira Muummee Israa’el Netaaniyaahuu keessaa warroonni lammiilee Falasxiin duguuguu fi gandoota Yihudootaa hundeessuuf fedhii qabantu jiru jedhan. Ministirri Raayyaa Ittisa Israa’el duraanii Moshe Ya’alon Israa’el yakka waraanaa fi duguuggaa sanyii Gaazaa keessatti raawwachuu ishee himataniiru. Ibsi ministirichaa duraanii kun qondaaltota mootummaa irraa qeeqa cimaa argateera. Onkoloolessa bara 2023 haleellaa irraa eegaluun Israa’el haleellaa raawwatteen lakkoofsi Falasxiinota ajjeefamanii 44,000 ol ta’eera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡
MIIDIYAA
@ABDII_SABAA
📡
Share
Love Center - Dating, Friends & Matches, NY, LA, Dubai, Global
Find friends or serious relationships easily
Start