Naannoo #Oromiyaatti namoonni miiliyoona 39 ol dhibee busaaf saaxilamoo ta’uu ibsame
Weerara dhibee busaa naannoo Oromiyaa dabalatee kutaalee biyyattii hedduu keessa tatamsa’aa jiru ittisuuf qaamni hunduu akka tumsu Biiroon Fayyaa Oromiyaa waamicha dhiyeesse.
Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Pirofeesar Natsaannat Warquu ibsa miidiyaaleef kennaniin, tatamsa'inni dhibichaa godinaalee Oromiyaa 18 fi magaalota 10 keessatti hawaasarraan miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu himan.
Naannichatti hawaasni miiliyoona 39.5 dhibichaaf saaxilamoo ta'uu eeruun, ittisa dhibichaa irratti qaamni hunduu akka tumsu waamicha dhiyeessaniiru.
Pirofeesar Nastaannat ibsa isaaniin weerarri dhibee busaa rakkoo fayyaa qofa osoo hin taane “gufuu misoomaa” ta’aa dhufuu ibsuun, “kanaaf dhibee kana to’achuuf biirichi ciminaan hojjachaa jirra” jedhan.
Dhiheessiin qorichaa fi meeshaaleen barbaachisoon ummataaf raabsamaa jiraatus gahaa waan hintaaneef, caalmaatti dhibicha to'achuuf Biirichi qaamolee garagaraa waliin qindoominaa hojjechuun tarkaanfilee adda addaa fudhachaa jiraachuu Pirofeesar Natsaannat dubbataniiru.
Biirichi hojii to’annoo cimsuudhaan saphanaa siree miiliyoona 8 ol raabsuufi namoota miiliyoona 2.5 yaaluu himan. Biifaan keemikaalaa manneen abbaa warraa 500,000 olitti raawwatamuu himan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡